Fana: At a Speed of Life!

Piriimaayer Liigii Ingilaandiin taphni Arsenaal Weest Haam, Biraayitan Tootanhaam waliin taasiifamu ni eegama

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC) – Taphoota Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 19ffaa har’a taphatamuun taphni Arsenaal, Weest Haam, Biraayitan Tootanhaam waliin taasiifamu akkaan eegama.

Halkan sa’aatii 4:30 Biraayitan falmiin Tootanhaam waliin taasiisu akkaan eegama.

Taphni darbii Landan halkan har’aa sa’aatii 5:15 irraa eegalee Arsanaaliifi Weestihaam gidduutti taphatamu morkii jabaa akka ta’u eegama.

Arsenaal dursummaa liigichaa Liivarpuul harkaa fudhachuuf kan falmatu yoo ta’uu,Weestihaam gahuumsa gaarirra jiraachuun taphichi xiyyeeffannoon akka eegamu taasiiseera.

Piriimiyeer liigiin Ingiliiz taphoota ‘Boksiing day’, kan tibba ayyaana Qillee guyyoota lamaan darban morkachiisaa jiru itti fufee Maanchistar Siitiin eda Evertan injifatee garaagartummaa qabxii dursitoota waliin qabu dhiphiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.