Fana: At a Speed of Life!

Pirimeer liigii Ingilaandiin taphni kallatti Waancaa akeeku galgala ni taphatama

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Pirimeer liigii Ingilaandi torbee 30ffaan taphni kallatti Waancaa akeeku galgala ni taphatama.

Pirimeer liigiin Ingilaandi baroottan darban caalatti bara kana morkiin kilabootaa gidduutti gaggeeffamu hawwattummaa isaa dabalee torbee 30ffaatti gaheera.

Seenaa keessaatti hanga torbee kanaatti kilaboonni Ingilaandi garaagarummaa qabxii 1 qofaan waldursuun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti yoo qabatan waggoota 10’n asi kan jalqabaati.

Kilaboonni sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti jiran garaagarummaa qabxii tokkoo qofatu gidduu isaanii jira.
Garaagarummaa galchiin Livarpuul caaluun qabxii 64’n liigicha dursaa kan jiru Arsenaal galgala sa’aatii 12:30’tti gara Istaadiyeemii Itihaadiitti imaluun kilaba liigichaan qabxii 63’n sadarkaa 3ffaarra jiru Maanchistar Siitii waliin morkata.

Arsenaal taphoota Pirimeer liigii shanan darban taasisee hunda yoo injifatu Maanchistar Siitiin taphoota shanan darbaniin sadi injifatee lama qabxii qooddateera.

Kilaboonni lamaan tapha Pirimeer liigii qofaan yeroo 53 kan waliin taphatan yoo ta’u, Arsenaal yeroo 24 injifatee Siitiin 19 irra aanuun yeroo 10 qixaan xumuran.

Seenaa keessatti kilaboonni lamaan waggoota 131 dura bara 1893 tapha jalqabaa waliin taasisan.

Arsenaaliifi Maanchistar Siitiin kanaan dura taphoota hundaan yeroo 210 waliin taphataanii Arsenaal yeroo 99 yoo injifatu Maanchistar Siitiin 65 injifachuun yeroo 46 qixaan xumuraniiru.

Kilaboonni lamaan tapha waliin taasisan hundarratti galchiiwwan 588 walirratti yoo lakkoofsisaan Arsenaal galchii 325, Maanchistar Siitiirratti yoo lakkoofsisu Maanchistar Siitiin ammoo galchiiwwan 263 Arsenaalirratti lakkoofsiseera.

Tapha Pirimeer liigii Ingilaandi bara kanaa marsaa jaqabaatiin Arsenaal dirree isaarratti galchii 1fi 0’n Maanchistar Siitii moo’ateera.

Tapha galgala kana waliin taasisaniin kilabni injifate carraa waancaa fudhachuuf qabu ni bal’ifataan tilmaama argateera.

Maanchistar Siitiin yoo moo’ame garaagarummaan Arsenaal waliin qabu gara 4’tti bal’ata.

Arsenaal moo’amaan qabxii Liivarpuul galmeessuurratti hundaa’ee gara sadarkaa 3ffaatti dhufuu danda’a.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan tapha kana yoo injifanne jajjabina olaanaa arganna ta’uu baatus, taphoota heddutu nu dura jira waan ta’eef nu hin yaaddessu jedhan.

Maanchistar Siitiin waancaa 4ffaa walitti aansuun injifachuun dorgomaa kan jiru yoo ta’u, taphoota asi dhiyeenya Arsenaal waliin taasise 13 keessaa 12 injifachuun bara kana qofa tapha marsaa jalqabaan 1fi 0’n moo’ame.

Leenjisaan Maanchistar Siitii Peeppee Gaardiyoolaan Arsenaal taphoota hedduu galchii baay’ee lakkoofsisee injifachaa dhufe waan ta’eef, tapha kana xumuraaf taphanna jedhan.

Siitiin bara kana waancaa sadi fudhachuuf imalaa jira.

Tapha galgalaa kanaan Maanchistar Siitiin Johoon Istooniifi kaayil Waakeriin ala gara dirree yoo seenu, Keevin Deebroonaa gara dirreetti deebi’a jedhameera.

Gama Arsenaaliin carraan Bukaayoo Saakaafi Martineeliin gara dirree seenuuf qaban jiraachuu Arteetaan himeera.

Tapha Pirimeer liigii Ingilaandi har’a taphamu kan biroon ammoo taphni Liivarpuul dirree isaarratti Biraayitan keessummeessu ni eegama.

Livaarpuul morkii waancaaf taasisu cimsachuuf tapha kana injifachuutu irraa eegama.

Leenjisaan Biraayitaan Roobertoo Di Dizarbii leenjstoota xumura bara kanaatti Jeergan Kilooppii bakka bu’aan keessa tokko ta’uu danda’a jedhamaa jiraachuun walqabatee Anfildiitti qabxii gaarii qabatee bahuuf waan humni isaa eeyyame mara ni taasisaan eegama.

Dajanuu Gonfaatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.