Fana: At a Speed of Life!

Pirimerliigiin Ingiliz torbee 9ffaan Arsenaaliifi Tootinhaam wal morkachiisa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)-Tapha pirimerliigii Ingiliz torbee 9ffaan darbii Kaaba Landan  Arsenaal fi Tootinhaam gidduutti morkiin taasifama.

Bara kana taphoota torba taasiseen ja’a injifachuun tokko injifatamuun kilachicha qabxii 18’tiin kan dursu Arsenaal  darbii kaaba London  Istaadiyemii isaa Imiret irratti Tootinhaamiin keessummeessa.

Kilabootni lachuu seenaa pirimerliigiitiin yeroo 61ffaa wal arguuf kan deeman yeroo 22 Arsenaal injifachuun, yeroo 15’n ammoo injifatamuun, yeroo 23 ammoo qabxii qooddachuun jaarsummaan gargar deebi’aniiru.

Kilabootni  masaanummaan  lameen kaardiwwan keelloo 248 argachuun ,kaardiwwan diimaa 15’n kennamuun ,dabalataanis galchiwwan 171 lakkoofsifamaniiru.

Taphoota gosa hundaan yeroo 76 Arsenaal injifachuun yeroo 61 ammoo injifatamuun yeroo 51 qabxii qooddachuun gargar bahaniiru. Haarii Keen darbii kanaan goolii 13 galchuunis dursa.Leenjisaan Arsenaal Mikaa’el Artettaan dursummaa itti fufsiisuuf yoo taphatu, Antiinoo Koonteenis darbicha injifachuuf  akkasumas sadarkaa ol butachuuf morkata. Taphichis saatii 8:30 irraa eegaluun taphatama.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.