Fana: At a Speed of Life!

Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Ambaasaaddara Jaappan waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Shibataa Hiroonorii waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis, biyyoonni lameen damee Barnootaarratti waloon hojjechuuf haalota dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Ambaasaaddar Shibataa Hiroonoriin, Yuunivarsiitii Finfinnee deeggaruu fi Yuunivarsitii Jaappaan waliin walitti hidhamiinsa uumuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Ejensii Walta’iinsa Idil Addunyaa Jaappaan manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa ijaarsisuun kan kennu ta’uunis ibsameera.

Jaappaan hariiroo biyyoota obbolaa lameenii cimsuuf tola ooltota ogeeyyii Saayinsii fi Herregaa 20 gara Itiyoophiyaatti erguuf waadaa galuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.