Fana: At a Speed of Life!

Pirojekti Qindaa’aa Eegumsa Naannawaa raawwachiisuuf deeggarsi faayinaansii Doolara miiliyoona 9.5 mallattaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC)-Pirojektii Qindaa’aa Eegumsaa fi Misooma Naannawaa raawwachiisuuf deeggarsii faayinaansii Doolara miiliyoona 9.5 mallatta’uun ibsame.

Pirojektichi dameewwaan afur kan qabu yoo ta’u, qabeenya qilleensaa, ijaarsa dandeettii dhaabbiilee, waliigahiinsa teeknooloojii qabeenya qilleensan walsimsiisuu, bulchiinsa lafa qindaa’aa fi maddoota galii babal’isuu akka ta’ee ibsameera.

Pirojektichi naannolee filatamanitti kan hojiirra ooluu yoo ta’u, maallaqa ramadame keessaa Doolarri miiliyoonnii 8.9 Dhaabbata ‘Global Environment Facilities‘ jedhamuurraa kan argamee fi Doolaarri kuma 400 immoo Sagantaa Misoomaa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii irraa kan argameedha.

Deeggarsicha Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Aadde Samaarittaa Sawaasawu, Dayrektara Olaanaa Eegumsa Naannawaa Ityoophiyaa Dooktar Geetahuun Garaadawu, Sagantaa Misoomaa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomannitti Bakka Bu’aa Ityoophiyaa Miistar Tuurihaan Saalih mallatteessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.