Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin damee qonnaa deeggaru Doolaara miiliyoona 180 hojiirra oolu ifoome

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC)- Pirojektiin damee qonnaa ni deggara jedhamee Doolaara miiliyoona 180’n hojiirra oolfamu Ministeera Qonnaan ifoome.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Girmaa Amanteen, pirojketichi naannolee Oromiyaa, Sidaamaa, Tigraay, Somaalee fi Afaaritti kan hojiirra oolfamu ta’uu ibsan.

Hongee naannolee kanneenitti mul’atu dhabamsiisuuf misoomni jallisii bu’aa qabeessa akka ta’uuf, qonnaan bultoonnis pirojektoota ijaaramanirraa fayyadamtoota akka ta’aniif kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Pirojektchaan bishaan lafa jalaa fayyadamuun sararoota misooma jallisii ijaaruun qonnaan bultoonni salphaatti waggaatti yeroo sadii fi isaa ol akka oomishaniif kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Pirojektichi Itiyoophiyaan karoora oomishaalee hedduu oomishuuf qabeenyaa bishaaniitti fayyadamuu eegaltee milkeessuuf akkasumaas wabii nyaataan of danda’uuf tattaaffii taasifamu akka bu’aa argamsiisuu fi pirojektoota walfakkaataaniif gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.