Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin Shaggar miidhagsuu boqonnaa 2ffaan torbee tokkoof bilisaan daawwattootaaf banaa ta’a jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2015 (FBC) – Piroojektiin Shaggar miidhagsuu boqonnaa 2ffaa har’a eebbifame torbee tokkoof bilisaan daawwattootaaf banaa ta’uu Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad piroojektii Shaggar miidhagsuu boqonnaa 2ffaa Addabaabayii Michummaa lakkoofsa lama eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Piroojektiin Addabaabayii Michummaa torban tokkoof daawwattootaaf bilisaan banaa ta’uu beeksisaniiru.

Maatiin daa’imman isaanii bilisaan piroojektii Shaggar miidhagsuu boqonnaa 2ffaatti akka bashannansiisan affeeraniiru.

Piroojektiin Addabaabayii Michummaa Lakkoofsi 2 xumuramee tajaajilaaf banaa ta’e mana kitaabaa Abrihootii fi Addabaabayii Michummaa guddicha jidduutti argama.

Afawarqi Iyyaayyutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.