Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoonni Maddii biyyaan hojjetaman naannoleef dabarfaman

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Piroojektoonni Maddii biyyaan hojjetaman naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Kibba Itiyoophiyaaf dabarfamaniiru.
Piroojektoonni kunneen sagantaa walharkaa fuudhinsaa har’a Waajjira Ministira Muummeetti gaggeeffameen naannolee kanneeniif dabarfamaniiru.
Piroojektoonni Maaddii Biyyaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin raawwataman kunneen har’a mootummoota naannoleef kennamuu ragaan Waajjira Ministira Muummee FDRI irraa argame ni mul’isa.
Gama biroon Piroojektoota Loojiiwwanii Sagantaa Maaddii biyyaan hojjetaman Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gama Hoteela Iskaay Laayitiin akka raawwachiisu waliigalteen mallattaa’uu eerameera.
Piroojektoonni sadi jechuunis Piroojektiin Loojii Ikkoo Turiziimii Wancii, Loojii Halaalaa Keellaa, Cabaraa Curcuraa fi Loojiin Danaa Arbaa eebbifamuun kan yaadatamu yoo ta’u, Piroojektiin Gorgoraa xumurarra ga’eera jedhame.
Piroojektoonni kunneen hojii kalaqaan kan guutaman, haalan hogganamuun qulqullinaa fi saffisaan hojjetamuun fageenyaa gaarii kan ta’aniidha.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila fooyya’aa kennuurra darbee hojii kana akka hogganu itti gaafatamummaa fudhachuun isaa caalmaatti beekkamuun bakka ga’umsa turizimii idil-addunyaa ta’uuf carraa gaarii qabaata jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.