Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa miseensa Boordii Daayrektarootaa Giloobaal Seekuriitii ta’uun filatame

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa miseensa Boordii Daayrektarootaa Giloobaal Seekuriitii ta’uun filatamuu ibsame.

Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa miseensa Boordii Daayrektarootaa Giloobaal Seekuriitii ta’uun kan filatame Fooramii Tumsa Nageenya Uummataa Idil Addunyaa Eebla 3fi 4, 2015 Chaayinaa Magaalaa Naanjiingtti gaggeeffamaa turerratti ta’uu yaadachiifameera.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eliin haasawaa fooramicharratti taasisaniin, guddinni teekinooloojii walitti hidhamiinsa idil addunyaa uumuurra darbee carraalee gaggaariifi rakkoolee kan qaban ta’uu eeruun, yakkoota qindaa’oo daangaa ce’an ittisuun kan danda’amu waloon hojjechuun ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan sadarkaa Afrikaa, Gaanfa Afrikaafi idil addunyaatti nageenya uummataa cimsuuf shoora olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Fooramichi ka’umsa walitti bu’iinsota idil addunyaa dhabamsiisuuf, bulchiinsa nageenya idil addunyaa fooyyessuufi tattaaffii waloo tasgabbii mirkaneessuuf taasifamu jajjabeessuuf akkasumas sadarkaa idil addunyaatti nageenyaafi misooma waaraa fiduuf kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru.

Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el Ittaanaa Pireezidaantii Intarpool Vaaliinsii Urkiizaa, Komishinara Poolisii Biraaziliifi Hogganaa Seera Idila Addunyaa waliin marii taasisaniin, daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuu ittisuuf waliigaltee mallatteessuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el Eebla 5, 2015 Miseensa Mana Mareefi Ministira Nageenya Uummataa Chaayinaa Waang Zhii’aahoong waliin mari’achuu ibsameera.

Mariisaaniin, hariiroo Chaayinaafi Ityoophiyaa daran cimsuun yakkoota qindaa’oo daangaa cehan ittisuufi dandeettii qaamolee nageenyaa cimsuuf waloon kan hojjetan ta’uu Jeneraal Dammallaash eeraniiru.

Waang Zhii’aahoong gamasaaniin, Michummaa Chaayinaan Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannoo olaanaa kan laattu ta’uu kaasaniiru.

Deeggarsa nageenyaa biyyoota lameenii cimsuuf akkasumas hariiroo gam-lamee cimsuuf fedhii qabaachuu addeessaniiru.
Poolisii Ityoophiyaa ijaarsa dandeettii, teekinooloojiif hidhannoo garaagaraan deeggaruuf waliigalteerra gahuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Magaalaa Finfinneetti Giddugalli seera kabachiistuu waloo akka ijaaramuuf hoggantoonni olaanoon poolisii biyyoota lameenii waliigaluufi qorannoofi qophii barbaachisaa taasisuuf koreen waloo akka hundaa’uuf dhaabbileen lameen waliigaltee waliif mallatteessuuf waliigalteerra gahuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.