Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa ka’umsa balaawwan ibiddaa 139 ifoomse

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC)- Poolisiin Federaalaa baatiiwwan ja’aan darban balaawwan ibiddaa mudatan 139 Qorannoo Fooransikiin Qulqulleessuun ifoomsuu beeksise.

Poolisiin Federalaa qamolee gaafataniif qorannoo Fooransikii taasisuun mirkanaa’uun haqaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuun eerameera.

Baatiiwwan ja’aan darbanitti balaawwan ibiddaa sadarkaa biyyaalessaatti mudatan teeknooloojii Fooransikiin adda baasuun bu’aasaa ifoomseera.

Haaluma kanaan rakkoo teekinikaa elektirikiin balaawwan 73, rakkoo makaanikaalaan balaawwan 19, inshuraansii argachuuf balaawwan 15, eeggannoo taasisuu dhabuun 15 akkasumas sababootaa biroon balaawwan 8 akka mudatan eerameera.

Balaawwan 139 mudatan keessaa 130 Finfinneetti kan mudatan ta’uu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’sa.

Balaan ibiddaa erga mudatee miidhaa ga’uu malu hir’isuuf ibiddaa dhaamsuun barbaachisaa ta’uu fi erga mudatee garuu ragaan akka hinbadneef bakka balichi mudate utuu hintuttuqamiin gabaasa taasisuun murteessaa ta’uu hubachiiseera.

Mancaatiin mudate qorannoo Fooransikiin hanga hinmirkanoofnetti sababa balichi mudateef beekuun rakkisaa akka ta’u, akkasumas sirna haqaarratti dhiibbaa kan geessisu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.