Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Doonaald Tiraamp fi Meelaaniyaa Tiraamp COVID-19 qabaman

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi giftii dureen Meelaaniyaa Tiraamp vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkana’eera.

Gorsituu Tiraamp vaayrasii koroonaatin qabamuu isheerratti hundaa’e giftii duree Meelaaniyaa Tiraamp fi preezdaantichi qorannoo vaayrasii koroonaa tasisuun vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkana’eera.

Tiraamp karaa fulaa Twiitara isaanii akka beeksisanitti vaayrasiii koroonaatin qabamuu isaanii ifoomsaniiru.

Addatti of baasuun dandamachuuf yaala taasisu eegaluus ibsaniiru.
Ogeessii yaala preezdaanticha akka ibsanitti fayyaa lamaan isaanii haala gaarirra akka jiruu himaniiru

Tiraampi maaskii kaawwachuu kan hin jajjabeessine yoo ta’an, yeroo hedduus gorsituu isaanii waliin akkasumas waltajjiiwwan irratti namootaan walitti dhiyaachuun beekamu.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.