Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Muusxafeen Proojektiiwwan misoomaa magaalaa Jigjigaatti hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Preezdaantiin mootummaa naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad  Proojektiiwwan misoomaa magaalaa Jigjigaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwanicharratti Preezdaant Muusxafee dabalatee hoogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii naannichaa obbo Abdurahimaan Iidiin fi hooggantoonni olaanoo naannichaa biroon argamaniiru.

Daawwannichaan magaalaa Jigjigaatti sadarkaa daandiin Aspaaltii haaraa ijaaramaa jiranii fi daandiiwwan suphamaa jiran irra gahan daawwataniiru.

Hojiileen eegalaman yeroo kaa’ameefitti akka xumuramaniif xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dhaamuu isaanii  miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.