Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Preezdaantii Jibuutii yeroo 5ffaaf filannoo injifataniif ergaa gammachuu dabarsan

Finfinnee, Eebila 3, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Preezdaantii Jibuutii yeroo 5ffaaf filannoo injifataniif Ismaa’eel Oomar Giileef ergaa gammachuu dabarsaniiru.

Preezdaantiin Jibuutii Ismaa’eel Oomar Giileen sagalee ummataa olaanaa argachuun yeroo 5ffaaf filannoo injifachuu isaaniif Preezdaant Saahilawarq ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Isaaniifi ummata Jibuutii hundaaf hawwii gaarii hawwaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad kaleessa galgala Preezdaantiin Jibuutii Ismaa’eel Oomaar Giileen filannoo biyya isaanii yeroo 5ffaaf injifachuu isaaniif ergaa gammachuu dabarsanii turan..

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.