Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarq ergamaa addaa preezdaantii Maalii Proofeesar Aliyuu Saal waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ergamaa addaa preezdaantii Maalii Proofeesar Aliyuu Saal waajjira isaaniitti simachuun mariisisan.

Preezdaantiin Maalii Ibraahiim Bubaakaar Kiitaan ergaa ergamaa addichaatin erganiin; hariiroon Ityoophiyaa fi biyya isaanii kan barootaa ta’uu ibsaniiru.

Jijjiirrama Ityoophiyaatti dhufaa jiru akka dinqisiifatanii fi kan deeggaran ta’uus ibsaniiru.

Gurraandhala darbe preezdaant Kiitaan dhimma misoomaa aartii, aadaa fi hambaalee Afrikaa akka qindeessan muudamuun isaanii ni yaadatama.

Isaanis hoggansa damicha tumsu shan aardicharraa filataniiru.

Afrikaa Bahaarraa Ityoophiyaa fi Keeniyaatu filatame.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.