Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarqii fi hooggantoonni olaanoo biroon Yuunivarsiitii Arbaa Miinci daawwatan

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Preezdaanti Saahilawarqii fi hooggantoonni olaanoo biroon Yuunivarsiitii Arbaa Miinci daawwatan.
 
Daawwanichaan hirmaanaa barattoota dubaraa Yuunivarsiitii Arbaa Miinci guddisuun misooma biyyaaf ga’ee akka bahataniif Preezdaanti Saahilawarqi waamicha dhiyeesaniiru.
 
Daawwanichaan cinaatti magaalaa Arbaa Miincitti kan argamu paarkii magariisaa daawwachuu ragaan kominikeeshinii mootummaa godina Gaamoo irraa argame ni muldhisa.
 
Preezdaanti Saahilawarqi dabalatee Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee, Ministira Aadaa fi Turizimii Dooktar Hiruut Kaasaawunii fi hoggantoonni olaanoo biroon magaalaa Arbaa Miinci galuun isaanii ni yaaddatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.