Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilwarqi Zawdee Paarkiin Shaggar Badhaasa bara haaraa Ityoophiyaaf Kennamee jedhan

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) – Preezdaanti Saahilwarqi Zawdee Paarkiin Shaggar Badhaasa bara haaraa Ityoophiyaaf Kennamee jedhan.

Paarkonni bakka itti hojii sammuu hedduun hojjetamuu ta’uus himan.

Paarkiin Shaggar bakka bashannanaa irra darbuun lammiilee hedduun carraa hojii akka argatan taasiseera.

Hojiin akkasii kun Magaalaa Finfinnee keessatti Cimee itti fufuu qaba.

Gara fuula duraatti hojii har’aa kana irraa barannee imala keenya badhaadhinaa milkeessuuf hojjechuu qabnas jedhan.

kun immoo biyya akka biyyaatti misoomsaauu fi lammii ishiitiif mijooftuu taate uumuuf nu gargaara.

Waldhiibuu dhiifnee tokkummaan yoo hojjenne gaarri hiyyuummaa nuti hiin diigne hin jirus jedhan.

Lammiileen hojii ijaarsa Paarkii kanaa irratti hirmaattaniifii halkaniif guyyaa dhamaatanii hojii kana milkeessitan galatoomas jedhan.

Preezdaanti Saahilwarqi Zawdee hoggansa Sirrii yeroo yerootti kennuun hojii miidhagaa kan xumursiiftanii badhaasa bara haaraa Ityoophiyaaf Kennuu keessaniif Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad galata guddaa qabdu jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.