Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Emmireetoota Araba Gamtoomanii boqotan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Emmireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Kalifaa Bin Zaayid Al Nahyaan du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Preezdaantichi dhibee irra bubbuleen yaallamaa turuun, umrii waggaa 73ffaa isaaniitti boqochuu Aljaziiraan gabaaseera.

Boqochuu isaanii hordofee biyyichatti guyyoonni gadda 40 akka labsamu Ministeerri Dhimmoota Preezdaantummaa ibseera.

Preezdaant Sheek Kalifaa Bin Zaayid Al Nahyaan  Abbaa Isaanii Sheek Zaayd Al Nahyaan bakka bu’uun bara Faranjoota 2004 gara aangootti dhufuun isaanii ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.