Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Maalii Ibraahim Buubakar Keeyitaa gara Yuunaayitid Arab Imireetis imalan

Finfinnee,  Qaamme 2, 2012(FBC)- Preezdaantiin Maalii Ibraahim Buubakar Keeyitaa gara Yuunaayitid Arab Imireetis imalan.

Ji’a darbe kan aangoorraa kaafaman Preezdaantiin Maalii Ibraahim Buubakar Keeyitaa torbee darbe dhibamanii hospitaala biyyattii seenanii turan.

Qondaalli umrii ganna 75 kun amma wal’aansaaf gara Yuunaayitid Arab Imireetis(UAE) imalaniiru.

Buubakar Keeyitaan dhibee kantaruu dhiigaatiin akka hubaman aanga’oonni humna waraanaa himaniiru.

Humni waraanaa biyyattii aangoo harkaa qabu mormitootaa fi gareewwan siivilii waliin mariirra jira.

humni waraanaa waggaa lama caalaa aangoo of-harka hin tursu jedha.

Qondaaltonni biyyoota Dhiha Afriikaa ammoo humni waraanaa hatattamaan aangoo dabarsuu qaba jedhan.

Preezdaanti Keeyitaan Hagayya darbe gaafa guyyaa 18,2020 ture mormii uumataa yeroo dheeraa booda aangoorraa kan kaafaman.

Dhimmoonni rakkoo uuman kanneen akka malaammaltummaa, hiyyummaa fi lootee seentota jihaadistoota ofiin jedhan ofirraa qolachuu dadhabuu preezdaantichaati.

Lotoonni Mootummoota Gamtoomanii, Firaansii fi kaan humna waraanaa Maalii deggeruun hidhattoota biyyattii haleelan qolachaa turan.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.