Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman.

Preezdaantiin Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo fi hojjetoonni naannichaa miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman.

Gareen badii ABUT miidhaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti qaqqabsiiseen walqabatee hoggantoonni olaanoo naannichaa miindaa isaanirraa kan baatii tokkoo Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisaniiru.

Preezdaantiin Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw hanga garee badii kun seeratti dhiyaatutti deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.