Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantonni lameen ijaarsa mana barumsaa magaalaa Jigjigaatti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad ijaarsa mana barumsaa Yekaahi magaalaa Jigjigaatti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Manni barumsaa ammayyaa magaalaa Jigjigaatti ijaaramu kun baasii mootummaa naannoo Oromiyaan kan ijaaramu ta’uu ibsameera.

Ijaarsi mana barumsaa kanaa guyyaa har’aa kan eegaluu fi baatii 7 keessatti kan xumuramu ta’uu Preezdaant Shimallis sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti ibsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad ijaarsi mana barumsichaa hariiroo uummattoota obboleewwanii Oromoo fi Somaalee kan guddisu ta’uu ibsuu isaanii ragaan miidiyaalee naannichaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.