Fana: At a Speed of Life!

Priimiyar liigii Ityoophiyaatin har’a taphoonni 6 ni gaggeeffamu

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) – Priimiyar liigii Ityoophiyaan taphni torbee 5ffaa har’aa fi boru ni taphatamu.

Liigiichaan guyyaa har’aa taphoonni 6 kan gaggeeffaman yammuu ta’u, taphoonni hundi magaalota naannolee irratti gaggeeffamu.

Haaluma kanaan Walaayittaa Diichaan magaalaa Walqixxeetti, Sisuul Shireen magaalaa Adaamaatti, akkasumas magaalaan Dirree Dawaa Buna Ityoophiyaa waliin ni taphatu.

Hadiyyaa Hoosaa’inaan magaala Bahirdaar, Hawaasaan Buna Sidaamaa, Jimmaa Abbaa Jifaar Qidduus Giyoorgiis waliin ni morkatu jedhameera.

Guyyaa boruu magaalaan Sabbataa magaala Faasiil waliin yoo taphaatu, Wiixata ammoo Maqalee 70 Indartaan Yuunvarsiitii Walwaaloo Addigiraat waliin ni taphatu.

Taphoonni guyyaa har’aa sa’aatii 9 irraa eegalee ni gaggeeffamu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.