Fana: At a Speed of Life!

Proojektii jireenya naannoo gammoojjii fooyyeessuun ummata miiliyoona 2.5 ol fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Naannolee 6 keessatti Proojektiin jireenya naannoo gammoojjii fooyyeessuuf birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 51 hojiirraa oolaa jiru ummata miiliyoona 2.5 ol fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksiise.

Proojektichi waggoottan shanan dhufaan keessa hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Kutaa hawaasaa proojektichi fayyadamoo taasiisu keessaa % 50 dubartoota, % 20 ammoo dargaggatoota ta’uu isameera.

Proojektiichi naannoo Gaambeellaa dabalatee aanaalee naannolee 6 keessatti argaman 100 keessatti hojiirra oola jedhame.

Karoora fayyaa, barnootaa, daandii, Qonnaa fi dameewwan misoomaa biroo raawwachiisuuf kan oolu Baankiin Addunyaa fi Fandiin misooma qonnaa Doolara Ameerikaa miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 51 ramaduu beeksiisaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.