Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii hir’isuuf Birriin biiliyoonni 28.5 deeggarsi taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Dhiibbaa Qaala’iinsi gatii lammiilerraan ga’u hir’isuuf Birriin biiliyoonni 28.5 deeggarsi taasiifamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiise.

Ministeerichi raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii magaalaa Walaayittaa Sooddootti gamaaggameera.

Baatiwwan jahaan darban hudhaalee sirna daldalaarrati mul’atan furuuf hojiin qindoomina qabu hojjetamuu Ministirri ministeerichaa Obbo Gabramasqal Caalaan eeraniiru.

Dhiibbaa qaala’iinsi gatii lammiileerraan ga’u hir’isuuf Birrii biiliyoonni 28.5 deeggarsi taasiifamuu dubbataniiru.

Bara baajataa darbe % 57 irra kan ture uwwisni Tajaajila Eeyyamaa fi Galmee Daldalaa ‘Online’ taasiifamu Baatiwwan jahaan darban gara %89.8 ol guddachuu kaasaniiru.

Sadarkaa biyyaatti ‘online’n Tajaajilli kumni 1381 kennamuu dubbataniiru.

Oomishaalee alatti ergaman irraa Galiin Doolaarri miiliyoonni 402.07 argamuus ibsameera.

Yooseef Curuqootu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.