Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii hir’isuuf qamadiin Tooniin kumni dhibbi 4 bitamuun alaa galaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Qaala’iinsa gatii hir’isuuf qamadiin Tooniin kumni dhibbi 4 bitamuun alaa galaa jiraachuu Waajjira Muummee Ministiraatti Gorsaa olaanaan Diinagdee Maakiroo Maammoo Ismaalaalem dubbataniiru.

Obbo Maammoon marii Addis Wag ‘kutannoon birmadummaa biyyaaf’ mata duree jedhuun Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffameerratti barreeffama dhiyeessaniiru.

Mootummaan qaala’insi gatii lammiileerratti dhiibbaa akka hin uumne furmaata yeroof qamadii Toonii kuma dhibba 4 bittaa raawwachuun imalchiifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tooniin kumni 40 buufata kan ga’e ta’uu fi Tooniin kumni 18 ammoo kuusaa biyya keessatti kuufamuu himaniiru.

Dabalataan Zayitiin Liitirri miiliyoonni 36.5 bittaan raawwatamuu eeraniiru.

Rakkicha waaraan furuuf daddabarsaa fi sirna Faayinaansirratti tarkaanfiin sirreeffamaa futahamaa jiraachuu obbo Maammoon himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

 

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.