Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii idil addunyaa dandamachiisuuf furmaata bu’uura barbaachisa jedhame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Qaala’iinsa gatii idil addunyaa dandamachiisuufi guddina itti fufsiisuuf  furmaanni bu’uura kan barbaachisu ta’uu hogganaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Nigoozii Okoonjoo Iweelaan ibsan.

Gaaga’amni addunyaa irratti uumamaa jiran kufaatii diinagdee uumaa jiraachuu eeraniiru.

Weerara vaayirasii koroonaa irraan kan ka’e addunyaan  qaala’iinsa gatii midhaan nyaataa, qaala’iinsa jireenyaafi boba’aaf saaxilamuu addeessaniiru.

Gama biraan hammaachuun waraana Raashiyaafi Yuukreen kufaatii diinagdee addunyaaf haala mijeessuu keessatti bakka olaanaa qabaachuu Nigoozii Okoonjoo Iweelaan waltajjii Dhaabbata Daldalaa Idil Addunyaa Jeeneevitti gaggeeffame irratti dubbataniiru.

Raagni Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa guddinni addunyaa sadarkaa gaarii irratti akka hin argamne ragaa baha.

Hawaasni idil addunyaa guddina addunyaa kanaa haala duraatti deebisuuf hojjechuu akka qabu dhaamuu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.