Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii to’achuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetama jira – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Qaala’iinsa gatii to’achuuf tarkaanfii fudhatameen fooyya’iinsa gaariin argamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiiseera.
Qaala’iinsa gatii itti fufiinsaan to’achuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan ibsa dhimmoota Diinagdee fi haala yeroorratti laataniin ibsaniiru.
Qabeenya diinadgee fayyaa qabeessa taasiisuuf gama mootummaan hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kurmaana 1ffaatti Dhaabbilee idil addunyaa garaagaraarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyyoonni 69 ol argamuu himaniiru.
Qabeenyi mootummaa kaayyoo barbaaddameef akka oolu xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Dhiibbaa liqaa hir’isuuf biyyootaa fi dhaabbilee liqeessitootaa waliin waliigalteen taasiifamaa jiruun bu’aa gaariin argamuus ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.