Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen gochaa seeraan alaa faayidaa biyyaalessaa balaarra buusanirraa of qusachuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) –Fayyadamummaa hawaasaa fi biyyaa bifa faallessuun qaamoleen faayidaa dhuunfaa isaanii mirkaneessuuf tattaafatan gochaa isaaniirraa akka of qusatan Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa hubachiisee.
Ministeerichi ibsaa baaseen, sirni gabaa biyyattii dorgommii fi sirna ammayya’aan akka hogganamuuf hojjechaa wayita jirutti, gochaan qaamolee seeraan alaa diinagdeen biyyattii akka hin tasgabboofne taasisaa jira jedheera.
Mootummaan qaala’iinsa gatii hambisuu fi lammiilee sadarkaan jiranirra dhiibba ga’u hir’isuuf meeshaalee bu’uuraa qaraxarraa bilisaan biyyaa alaatii galchaa jira.
Ta’us, kaayyoo yaadameef irraa maquudhaan faayidaa qaamolee gochaa seeraan alaarratti bobba’aniif wayita oolutu mul’ata jedheera.
Gochaa kana dhaabuuf Ministeerichi hojimaata garagaraa diriirsuun hojjechaa kan jiru ta’us, qaamoleen gochaa seeraa alaa keessatti hirmaachaa jiraan gochaa isaaniirra akka of qusatan hubachiisuu isaa ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa irraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.