Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen siyaasaa obsaa fi miira tokkummaa ummatarraa barachuu qabu – obbo Leencoo Lataa

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Mariin biyyaalessaa bu’aa qabeessa akka ta’uu qaamoleen siyaasaa garaa laafoo ta’uu akka qaban Hayyuu dureen ABO duraanii obbo Leencoo Lataan ibsaniiru.
Ityoophiyaan biyya afaan, aadaa, amantaalee fi duudhaalee garaagaraa tokkummaan hammatte ta’uu obbo Leencoon ibsaniiru.
Biyyi tun nageenyi ishee eeggame daandii guddirra akka imaltu qaamoleen siyaasaa hundi garaa laafoo ta’uun marii biyyaaleessaa qophaa’e milkeessutu irraa eegama jedhan.
Garaagarteen miidhagina malee madda rakkoo nageenyaa ta’uu hin qabu, garaagartee jiru dhabamsiisuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Paartileen siyaasaa haqa qabeessummaa fi garaa laafummaatti amanuu akka qaban ibsaniiru.
Ityoophiyaatti ilaalchonni 3 dhimmoota biyyaalessarratti ejjennoo waloo qabaachuu dhabuu isaaniin biyyattii gatii kaffalchiisaa jiraachuu eeraniiru.
Humni 1ffaan ilaalcha Ityoophiyaa takkiittii jedhuun sirna durii deebisuu kan barbaadu yoo ta’u, inni 2ffaan federaaliizimii sabdaneessaa dhugaa Ityoophiyaaf barbaachisa yaada jechuun tarkaanfichaa, Inni 3ffaan ammoo sababa seenaa fi alaabaa Ityoophiyaan ilaalcha garaagaraa kan qabate ta’uu kaasaniiru.
Garaagartee sadanuurratti waliigatleerra ga’uuf mareen biyyaalessaa faayidaa olaanaa qabaachuu obbo Leencoon ibsaniiru.
Qaamoleen siyaasaa obsaa fi miira tokkummaa ummatarraa barachuutu isaan barbaachisa jechuun ergaa dabarsaniiru.
Maddi DhPI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.