Fana: At a Speed of Life!

Qaamooleen nageenyaa naannolee fi federaalaa haala raawwii labsii yeroo ariifachiisaa gamaaggaman

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Qaamooleen nageenyaa naannolee fi federaalaa raawwii qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa weerara vayrasii koroonaa ittisuuf ba’e gamaaggaman.
 
Raawwii hanga ammaatti jiru keessatti wanti hedduun fooyya’uu fi hanqinni baayy’eenis muul’achuu Haati Alangaa Waliigalaa aadde Adaanachi Abeebee dubbataniiru.
 
Kaayyoon labsii fi dambichaa hawaasa adabuuf osoo hin tane, hawaasa weerara vaayrasichaarraa baraarudha jedhan.
 
Bu’aan hojii seera kabachiisuu kan madaallamu baayy’ina namoota adabamanii fi ciman addabbiin osoo hin taane weeraricha ittisuuf gummaacha taasiseen ta’uu qaba jedhan aadde Adaanichi.
 
Hawaasa birratti dagannaa fi maal nadhibeen bal’inaan muul’achaa akka jiru ibsaniiru.
 
Qaamooleen seera kabachiisaan hojiin hubannoo uumuu bal’’inaan hojjetamuu akka qabu hubachuun dursa of eeguun hawaasaf fakkeenya ta’uu qabu jedhan.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Ityoophiyaatti labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota kuma 1 fi 344 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 14 lubbuun darbaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.