Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya Tuurizimii Oromiyaan beeksisuu fi madda galii Tuurizimii taasisuuf hojjetamaa jira-Aadde Lalisee Dhugaa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Qabeenya Tuurizimii Oromiyaan qabdu beeksisuu fi madda galii Tuurizimiif oolchuuf hojiilee bal’aan hojjatamaa jiraachuu Komishinarri Koomishinii Tuuriizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaan dubbatan.

Fiigichi guddaan Oromiyaa marsaa 4ffaa “Baaleen daawwadhaa” Magaalaa Roobeetti gaggeeffameera.

Saganticharratti Komishinar Lalisee Dhugaan akka jedhanitti qabeenya Tuurizimii Oromiyaa beeksisuu fi madda galii taasisuuf hojiilee bal’aan hojjatamaa jira.

Qabeenya tuuriizimii beeksifamaa jiran keessaa Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee tokko ta’uu kaasanii, fiigichi gaggeeffames qaama beeksisa qabeenyichaati jedhan.

Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhaakiim Aliyyii gama isaaniin Baaleen qabeenya umamaa fi bakkeewan hawwata tuuuriizimiin kan badhaate ta’uu kaasanii, bulchiinsi godinichaa fi hawaasni godinichaa qabeenya kana kunuunsee tursiisuun UNESCOtti akka galmaa’uuf gumaacha olaanaa taasisuu himuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Roobeerraa argame ni mul’isa.

Fiigicha gaggeeffamerrattis hirmaattoota 1ffaa hanga 3ffaa ba’aniif badhaasni meedaaliyaa fi Birrii kuma 2 hanga kuma 10 kennameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.