Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyaa bishaanii biyyattii misoomsuun faayidaa lammiileef oolchuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Qabeenyaa bishaanii biyyattii misoomsuun faayidaa lammiileef oolchuun barbaachisaa ta’uu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii ibse.

Ministeerichi waltajjii marii qophii karoora yaa’awwanii ogeeyyii waliin Magaala Adaamaatti gaggeessuu eegaleera.

Ministeera Bishaanii fi Inarjiitti Deetaan Ministiraa Damee Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii Dookrar Abirahaa Addunyaa hongee fi gufuuwwan walqabatanii jiran dandamachuuf gaaffiin bishaan dhugaatii, misooma jallisii fi waliinga’iinsi anniisaa lammiilee deebii kan argatu, qabeenyichi sirnaan yoo hojiirra ooleedha jedhaniiru.

Bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa’aa mirkaneessuunis qabeenyi bishaanii biyyattii faayidaa hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee lammiileef oolchuun barbaachisaa ta’uus himan.

Waltajjiin marichaa sadarkaa qophii pilaanii yaa’awwaanii laggeen Oomoo, Gibee fi Waabii Shabalee yuunivarsiitiiwwan Madda Walaabuu, Walaayittaa Sooddoo fi Diillaan qophaa’aan gamaaggamuun, galtee dabalataa fi kallattii kaa’uuf ta’uu eerameera.

Dabalataan, pilaanii yaa’aa laga Baaroo Akooboo, jalqabsiisuuf ministeerichi Yuunivarsiitii Dambi Doolloo waliin waliigaltee mallateessaan eegama.

Karoorri yaa’awwanii qophaa’an, Mana Maree Olaanaa Yaa’awwaniin ragga’uun, hojiitti kan hiikamuu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.