Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyi waliigalaa Baankii Daldala Ityoophiyaa Birrii Tiriiliyoona 1.3 ga’uu ibsame

Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa Qabeenyi waliigalaa isaa Birrii Tiriiliyoona 1.3 ga’uu ibseera.

Baatiwwan salgan darban keessaa Maallaqni taa’aan Birriin biiliyoonni 123 walitti qabamuu ibsameera.

Baankichi raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii gamaaggameera.

Tajaajila Baankii Diijitaalaa waliin ga’uuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa ta’uu eerameera.

Filannowwan Tajaajila Diijitaalaa qofaan Birriin Tiriiliyooni 2.1 ol sochoosuun danda’amuu gamaggamichaan eerameeera.

Baankichi yeroo itti aanu Maallaqa Taa’aa walitti qabuu, Tajaajila Diijitaalaa, liqaa laachuu fi walitti qabuu fi sharafa alaarratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu Pireezidaantii Banakii Daldala Ityoophiyaa Obbo Abbee Saannoon ibsuu ragaan fuula Baankichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.