Fana: At a Speed of Life!

Qabxii barattootaa fooyyessuuf sadarkaa gadiirraa eegalee hojiilee bal’aan hojjetamaa jira-Dooktar Tolaa Bariisoo

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Oromiyaatti barattoota kutaa 12ffaa qormaataa biyyaalessaa bara barnootaa 2015 qabxii olaanaa fidan sagantaan beekamtii fi baadhaasa kennuu gaggeeffameera.

Saganticharratti Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dookytar Tolaa Bariisoon akka himanitti, gadi bu’uu qabxii barattootaa mul’achaa jiruuf barnoota qulqullinaa qabu sadarkaa gadiirraa eegalee kennamuu dhabuun akka sababaatti kan ka’uudha.

Naannichattis sirna barnootaa fooyya’een jijjiirama fiduuf hanqinaalee jiran addaa baasuun hojjetamaa jiraachuu Dooktar Tolaan himanii, damee kanaan nyaata barattootaa, sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu, ga’umsa barsiisotaa cimsuun sadarkaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Naannichattis, barattoota qabxii 600 ol lakkoofsisan 38’f badhaasnii fi beekamtiin kennameera,

Lalisee Tasfaayee fi Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.