Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni tajaajila deeggarsaa fi gorsa leenjii teekinikaa fi Ogummaa kennuuf dandeessisu ifoome

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Ministeerri Hojii fi Ogummaa qajeelfama tajaajila deeggarsaa fi gorsa Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa kennuuf dandeessisu ifoomseera.

Qajleefamichas Ministeerri Hojii fi Ogummaa, Dhaabbata Gargaarsaa Jarman (JIZ) fi qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo waliin kan qopheessan ta’uun ibsameera.

Qajeelfamichis adeemsa baruu fi barsiisuu damichaa kan fooyyessuu fi barattoonni beekumsa qaban baasanii akka fayyadaman kan taasisuudha jedhameera.

Gorsaan Ministiraa Ministeera Hojii fi Ogummaa Tashoomaa Lammaa akka ibsanitti, qajeelfamichi barattoonni hojii uumtota bu’aa qabeeyyii akka ta’an kan tumsuudha.

Dargaggoonni beekumsa, muuxannoo, ogummaa hojiin akka of danda’an, tarsiimoowwan hojii uumuu akka hubatanii fi murtee kennuurratti muuxannoo qaban akka gabbifatan dandeessisa jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Dhaabbata Gargaarsaa Jarmaanitti Qindeessaan Sagantaa Leenjii fi Barnootaa Itiyoo Jarmaan, Alii Mahaammad Kahaan gama isaaniin, qajeelfamichi dargaggoota barnootaa fi leenjii teekinikaa darbanii fi hojii uumtota daran bu’aa qabeessa akka taasisu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.