Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltotaa fi miseensota poolisii godina addaa Oromiyaa 617f guddinni gulantaa laatame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC)- Komiishiniin Poolisii Oromiyaa qondaaltotaa fi miseensota poolisii godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee 617f guddina gulantaa magaalaa Sabbataatti kenneera.

Sirnicharratti Kantiiboonni magaalaa Sabbataa, Buraayyuu fi bulchaan godina addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee argamaniiru.

Koomiishinarri Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Koomishinar Dachaasaa Bitimaan, mootummaan naannoo Oromiyaa naamusaa fi tajaajila uummataaf kennitaniin guddina gulantaa kennun hojii itti fufiinsa qabu hojjachaa jira jedhan.

Poolisiin Oromiyaa, qaamoolee jijjirama dhaabsiisuuf yaalan dura dhaabachuun nageenyaa amanasiisaa  biyyatti mirkaneessuu shooraa isaa bahaa akka ture ragaan Waajjira Dhimmota Kominikeeshinii Mootumma magaalaa Sabbataa irraa arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.