Fana: At a Speed of Life!

Qonna Arfaasaa fi Gannaa milkeessuuf qophiin barbaachisu hundi taasifame – BQO

Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Qonna Arfaasaa fi Gannaa bara 2015/16 milkeessuuf qophiin barbaachisu hundi taasifamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Leenjiin Paakejjii Guutuu Qonnaa Arfaasaafi Gannaa bara 2015/16 marsaa 2ffaa Magaalaa Jimmaatti kennamaa jira.

Karoora qonna Arfaasaafi Gannaa qabame milkeessuuf dhiheessiiwwanii fi qophiin barbaachisu hundi taasifamuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan ibsaniiru.

Leenjiin hubannoo cimsuu ogeeyyii qonnaa sadarkaan jiranii fi Qonnaan/Horsiisee bulaaf kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonna Arfasaan lafa hektaara miiliyoona 1.1 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 22.6 argachuuf hojjetamaa jiraachuu himuu ragaan biirichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.