Fana: At a Speed of Life!

Qonna keenya ammayyeessuuf Hojii jalqabne cimsinee itti fufneerra – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Qonna keenya ammayyeessuuf hojii jalqabne cimsinee itti fufneerra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Guyyaa har’aas Tiraakteroota Qonnaa 589 Magaalaa Shaashamanneetti qinda’aan Qonnaan bultootaa fi Waldaalee Intarpiraayizii maayikiroo Xixiqqaaf dabarsineerra jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hojii Qonnaa Maakanayiizeeshiiniin deeggarame babal’isuuf waggoota dura warshaan Qindeessaa Mashineerii Qonnaa Magaalaa Shaashamanneetti jalqabamee hojii qonnaa keenyaa ammayyeessuufi omishni qonnaa keenya akka dabaluuf shoora olaanaa taphachaa jiraachuu eerarniiru.

Hojiin Qonnaa akka naannichaatti hojjetamaa jiru yeroo yerootti fooyya’aa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi jiraataan Magaalaa hundumtuu Bara 2016 karoora dhuunfaa isaa baafachuun qabxilee sadi irratti xiyyeeffachu qaba jedhaniiru.

Maal akka oomishuu akka qabu,Oomisha isaa irraa ammoo Galii akkamii akka argatu ifatti kaa’uun akkasumas kan argate sana irraa ammoo hangam akka qusatu karoorfatee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Tirakteroonni guyyaa har’a kennamanis karoora kana milkeessu keessatti shoora olaanaa qabachuu kasaniiru.

Karoora sadarkaa naannichaatti qabame milkeessuun tulluu hiyyuummaa diiguun imala badhaadhinaa milkeessu malee filannoon biraa hin jiru jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Dassaalenyi Abarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.