Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota  adda duree ta’aniif beekamtiin laatamuufi jedhame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa Uumamaa naannoo Oromiyaa waggoottaan lamaan darbani as damee qonnaa ammayyeessuu fi  gurmaa’insoota bu’aa fooyyee galmeessisan 560 badhaasaa fi beekamtii akka laatuu beeksise.

Hogganaan Biiricha obbo Dhaabaa Dabalee miidiyaaleef har’a ibsa laataniin, qonnan bultoonnii fi horsisee bultoonni kilaasteraan omishaan, waldaan gurmaa’uun  hojii misooma jallisii, furdisa beeyladaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa akkasumas, hojjettoota dirree misoomaa, qaamoleen qorannoo fi qo’annoon  tumsa taasisanii fi waldaaleen bu’uuraafi yuuniyeenoota raawwii fooyyee qabaniif beekamtiifi badhaasa garagaraaa ni argatu jedhaniiru.

Sagantaan badhaasicha torbee boruu ni gaggeeffama jedhaniiru.

Obbo Dhaabaan guyyaa boruurraa eegalee qonnaan bultoonnii fi horsisee bultoonni magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota Oromiyaa 258 keessaa jiran oomisha isaanii baazaarii fi agarsiisaaf ni dhiyeefatu jedhaniru.

Kanaanis carraa gabaa uumuun kan oomishee fi bitatu walitti fiduufi oomishaalee gabaa biyya keessaa fi alaaf barbaadamanillee beeksifachuuf ga’ee olaanaa qaba jedhaniiru.

Dabalataniis  aadaa qusannaa guddisuuf qonnan bulaafi horsisee bulaan akkasumas waldaaleen hojiiwwan damee qonna irratti bobba’uun bu’a qabeessa ta’an kan argataniirraa, dhibbeenta 60 akka qusataniif dhaabbilee faayinaasii waliin hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.