Fana: At a Speed of Life!

Qooda fudhattoota sharafaa fi daddabarsa maallaqa seeran alaa keessatti hirmaatan adda baasuun tarkaanfiin ni fudhatama jedhame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015 (FBC) – Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika biyyaalessaa fi Baankiin Biyyaalessaa qaamolee sharafaa fi daddabarsa maallaqa seeran alaa keessatti hirmaatan qorannoon adda baasuun tarkaanfiin kan fudhatan ta’uu beeksisan.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika biyyaalessaa sochii sharafa seeraan alaa ilaalchisee qorannoo bal’aa gaggeessaa ture bakka qooda fudhattoonni argamanitti ifoomseera.

Waltajjii kanarratti Bulchaa Baankii Biyyaalessaa, Pireezidaantii Baankii Daldalaa dabalatee hoggantoonni dhaabbilee mootummaa fi qaamoleen nageenyaa argamuu ibsameera.

Qorannoon dhiyaate rakkoolee damichaan jiranii fi muuxannoo biyyoota garaagaraa gadi fageenyaan kan hammate ta’uu tajaajilichi ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.

Qaamolee gochicha keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhachuuf kan dandeessisan Imaammata, Sirnaa fi Itti gaafatamummaa akkasumas kallattiiwwan furmaataa kan eeree ta’uu ibsameera.

Yeroo itti aanu akkaataa tarkaanfiiwwaan seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu danda’anirratti xiyyeeffata jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.