Fana: At a Speed of Life!

Qoondaltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)-Qondaaltonni olaanoo Qaajeelcha Olaanaa fi Loojistiksi Raayya Ittisa Biyyaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Daawwannichaan, tokkummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf wareegamaa fi qabsoo jabaa taasifame, biyya seenaa gootummaa olaanaa qabdu ta’uu kan mul’iseedha jedhan.

Yaadannoon Injifannoo Adwaa mallattoo diddaa, tokkummaa, bilisummaa yoo ta’u, Raayyaan Ittisa Biyyaas seenaan kun dhalootatti akka darbuuf cimanaan kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Hirmaattonni daawwannichaas akka Raayya Ittisa Biyyaatti gootummaa abbootiin akka boonaan taasisuu cinaatti haamilee fi imaanaa biyyaa kan kennu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.