Fana: At a Speed of Life!

Qorannoowwan qulqullina qabanii fi rakkoo hawaasaa furuu danda’an hojjatamuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Qorannoowwan qulqullina qabanii fi rakkoo hawaasaa furuu danda’an hojjatamuu akka qaban ibsameera.
 
Yuunvarsiitiin Arsii walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen gamaaggama prooppozaalii proojektii tajaajila hawaasaa fi qorannoowwan gaggeessaa tureerratti qabxiilee 2118 dhiheesseera.
 
Qabxiilee qorannoo dhiyaaterrattis Qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’atameera.
 
Yuunvarsiitichi proojektoota kanaan dura hojjachaa turerraa hawaasni fayyadamoo ta’aa jiraachuus ibseera.
 
Itti Aanaan preezdaantii tajaajila qorannoo fi qu’annoo Yuunvarsiitii Arsii Dooktar Adam Kadiir gamaaggamni kun qorannoowwan hojjataman rakkoolee ummmataa Isa sirrii ta’erratti akka xiyyeeffataniif nu gargaara jedhaniiru.
 
Yuunvarsiitichatti kutaa qorannootiin dhimmoonni 133,tajaajilaalee hawaasaa 85 hojjatamuun guyyaa har’aa irratti mari’atameera jedhame.
 
Qorannoowwan dhiyaatan ergaa gamaaggamanii booda gara hojiitti seenuuf baajanni Birriin miiliyoonni 38 ramadamuus dubbatameera.
 
Jemal Gendootu gabaase.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.