Fana: At a Speed of Life!

Qorataan Hawaa Dooktar Birhaanuu Bulchaan hojii kalaqaa haaraa moggaasa “Fiqir” jedhamuun beeksisan

Finfinnee, Amajjii 30, 2016(FBC)– Qorataan Hawaa lammii Itiyoophiyaa Dooktar Birhaanuu Bulchaan hojii kalaqaa haaraa hojjetan moggaasa “Fiqir” jedhamuun beeksisan.

Dooktar Birhaanuu Bulchaan qorannoo teeknooloojiiwwan hawaa gaggeessaniin walqabatee, qaamolee hawaa fageenyatti mul’atanirraa suurawwan ba’an galmeesse kan hambisuu beeksisaniiru.

Qoratichi turtii Barru Naasaa waliin taasisaniin, hojiin kalaqaa isaanii “Fiqir” jedhamu, sirna Orbiitii amma jiruu fi akaakuu carallaa ifaa Addeessi maddisiisu adda baasuun, qaama hawaa keessa jireenya kan tumsan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu beekuuf kan tajaajiluudha jedhan.

Argannoon haaraa isaaniis jaalala biyya isaaniif qabanirraa ka’uun kan moggaasan ta’uu ibsuu ragaan Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Kanneen hojiilee isaaniif tumsa taasisan hunda galateeffachuun, hojiileen isaanii Itiyoophiyaanota biroo kalaqa fooyya’aaf kan kakaasu ta’uu amantaa qaban eeraniiru.

Dooktar Birhaanuu Bulchaan kanaan dura meeshaa Addeessarra bishaan jiraachuu addaa baasu uumuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.