Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Gurraandhala 29, 2013 ni laatama

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Gurraandhala 29, 2013 kan laatamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ministeerri Barnootaa ibsa miidiyaaleef laateen qormaanni kutaa 12ffaa bara 2012 Gurraandhala 29, 2013 hanga Bitooteessa 2 bara 2013tti kan laatamu ta’uu ifoomseera.
Ministirri Ministeera barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa Barattootaa fi Maatii barattootaa turuu qormaaatichaaf dhiifama gaafataniiru.
Qormaanni kutaa 12ffaa bara barnootaa 2012 teeknooloojitiin deeggaramee akka laatamuuf tattaafii hedduun taasifamaa turuu ibsaniiru.
Yaa ta’uutii Tableetiin bitamuuf yaadame kumni dhibbi 5 osoo biyya hin seenin turuu isaa himuun, Tableetiin qaqqabuu taatus Waraqaan kennuuf dirqamuu himaniiru.
Gama biraatiin Dijiitaal ID barattoota kuma 350f qophaa’ee naannoleef raabsameera jedhan Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaan.
Guraandhala 22 hanga 24 bara 2013tti Waraqaan eenyummaa Dijiitaalaa barattootaaf ni laatama.
Guraandhala 26,2013 oorenteeshiniitu kan kennamu ta’uu ibsaniiru.
Gurraandhala 29, 2013 hanga Bitootessa 2 bara 2013tti ammoo Qormaanni seensa barnoota dhaabbilee olaanoo ni kennama jedhaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.