Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni keessa dabarre adeemsaafi gocha keenya gara fuula duraa qajeelchuu qaba – Obbo Araggaa Kabbaddaa

Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC) – Qormaanni keessa dabarre adeemsaafi gocha keenya gara fuula duraa qajeelchuu qaba jedhan Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbaddaan.

Hoggantoonni olaanoo fi giddugaleessaa naannoo Amaaraa haala waqtaawaa naannichaa ilaalchisee magaalaa Bahirdaaritti mari’ataniiru.

Waltajjicha mata duree ‘Qormaatilee cichoominaa fi murannoon ce’uun nageenyaa waaraa fi misooma ummataa ni mirkaneessina ‘ jedhuun gaggeeffameera.

Naannichi baatiiwwan torban darban keessa qormaatlee cimaa, rakkisaa fi walxaxoo irraa baratamuu qabu dabarsuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsaniiru.

Rakkooleen turan kunneen miidhaa namoomaa, qabeenya diinagdee, hawaasummaa fi xinsammuu qaqqabsiisuu dubbataniiru.

Naannicha haala amansiisaa ta’een cichoomsuuf hoggansi siyaasaa murannoo fi onnee guutuun hojjechuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Rakkoo nageenyaan akkuma jirutti ta’ee hongeen naannicha mudate hirmaannaa olaanaa kan gaafatu ta’uu Obbo Araggaan ibsaniiru.

Qormaatilee fi rakkoo walxaxaa naannicha mudate furuuf hoggansi Siyaasaa hojjechuu akka qabu himaniiru.

Balaa finxaaleyyiin naannichatti uuman qolachuuf mootummaan naannichaa haalli itti adeemaa jiru akka ciminaatti kan fudhatamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Yiragaal Sisaay eeraniiru.

Gatiin kaffalame olaanaa ta’us naannicha diigamuurraa baraaruun danda’amuu dubbachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.