Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni kutaa 12’ffaa bara 2013 sababa nageenyaatiin bakka bakkatti osoo hin kennamiin hafe Amajji 24 -27 bara 2014’tti ni laatame jedhame

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC) – Qormaanni kutaa 12’ffaa bara 2013 sababa nageenyaatiin bakka bakkatti osoo hin kennamiin hafe Amajji 24 – 27 bara 2014’tti laachuuf qophiin Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Godinaalee Qellam Wallaggaa, Wallaggaa Lixaa, Wallaggaa Bahaafi Shawaa Lixaa keessatti Manneen Barnootaa 55, aanaalee 17 keessatti sababa nageenyaatiin barattoonni qormaata fudhachuuf rakkoo keessa turan jedhame.
Qormaata kana naamusa eegamuu qabu kabajuun barattoonni akka fudhatan kan gaafate Biiroon Barnootaa Oromiyaa, caasaan barnootaa, bulchiinsaafi qaamoleen nageenyaa qophiin barbaachisu hunda xumuranuu himeera.
Meeshaaleen qormaataa buufataalee qormaanni itti laatamu qaqqabuus ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Oromiyaatti barattoonni kuma 21 caalan qormaanni kutaa 12’ffaa bara 2013 otoo hin qoramiin turusaanii,Biirichi beeksiseera.
Hawaasni,maatii fi caasaaleen dhimmi ilaallatu milkaa’ina qormaata kanaaf akka tumsan, Biiroon Barnootaa Oromiyaa gaafateera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.