Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa naannoo Hararii, Sidaamaa fi Soomaaleetti laatamaa jira

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa naannoo Hararii, Sidaamaa fi Soomaaleetti har’a kennamuu eegalee  jira.

 

Qormaanni kun naannoolee sadanitti har’aa eegaluu hanga Muddee 10, 2013tti kan laatamu ta’uu ibsameera.

 

Naannoo Harariitti barattoonni kumni 4 fi 213 qoramaaticha qoramaa jiraachuu hogganaan Biiroo Barnootaa naannicha obbo Muktaar Saaliihi ibsaniiru.

 

Naannoo Sidaamaattis barattoonni kumni 81 fi 277 qoramaaticha fudhachuuf qophii xumuruu Biirroon Barnootaa naannichaa beeksiseera.

 

Adeemsi  kenniinsa qormaatichaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuu haala dandeessisuun qophaa’uu ibsameera.

 

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.