Fana: At a Speed of Life!

Qormaata bahumsa Yuunivarsitii ‘Online’n kennuuf qophiin xumurame – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) – Barattoota Yuunivarsiitirraa eebbifamniif Qormaata bahumsaa ‘Online’n kennuuf qophiin xumuramaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Qormaatichi barattoota sagantaa idilee fi idileen alaan Yuunivarsiitii hundarraa eebbifamaniif kan laatamu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsaniiru.

Dooktar Saamu’eel qorumsicha ilaalchisuun marii Yuunivarsiitiwwan Mootummaa fi dhuunfaaf qophaa’erratti haasawa taasiisaniin qormaanni ba’umsaa kun barattoota sagantaa idilee fi idileen alaan Yuunivarsiitwwanirraa eebbifaman hundaaf kan laatamu ta’uu himaniiru.

Bara kanaa eegalee hojiirra kan oolu ta’uus dubbataniiru.

Dhaabbileen barnootaa olaanoon bu’uuraalee barbaachisu gamanummaan guuttachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Qormaanni ba’umsaa kun qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi ga’umsa dhaabbilee cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu Dursaan garee Dhimmoota Akkaadaamii Barnoota olaanoo Dooktar Eebban ibsuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.