Fana: At a Speed of Life!

Qormaatileen baay’atanis hojiilee misoomaa qabannerraa duubatti hin jennu – Obbo Fiqaaduu Tasammaaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Qormaatileen baay’atanis hojiilee misoomaa qabannerraa duubatti hin deebinu jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinnaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaaa.
Jilli Obbo Fiqaaduu Tasammaa fi Hogganaa Biiroo Invastimantii fi Indastirii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan durfamu Godina Wallaggaa Baha Aanaa Sibuu Sireetti Piroojektoota fayyadamummaa hawaasa mirkaneessan garaagaraa eebbisaniiru.
Akka Aanichaatti barana Piroojektoota 5 hirmannaa uummataa fi baajata Mootummaa Birrii miiliyoona 26 oliin ijaaramanii xumuraman bakka Jilli kun argamananitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Piroojektoonni kunneenis, ijaarsa Dallaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanichaa, Galma Walga’ii Waajjira Bulchinsa Birrii miiliyoona 10 oliin ijaarame, Daandii Koobilii Kiiloo Meetira 1.4 Birrii miiliyoona 13 oliin ijaarame tajaajilaaf banaa ta’uu OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.