Fana: At a Speed of Life!

Qosheetti ibiddaan qabeenyi Birrii miiliyoona 60 manca’e

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC) -Guyyaa har’aa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 01 naannawaa Qoshee jedhamuun beekamutti balaa ibiddaa sa’a 10:30’tti mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 60tti tilmaamamu manca’uu Koomishiniin Hoggansi Soda Balaa fi Ibidaa Finfinnee beeksise.

Ogeessi Quunnamtii Ummataa Koomishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo FBC’f akka himanitti, balichi kan mudate warshaa zayiitaa gubataa deebisee faayidaarraa oolchuurratti.

Balichaanis qabeenyi Birrii miiliyoona 60tti tilmaamamu manca’uu fi hojjetaa Koomishinii Hoggansa Soda Balaa fi Ibiddaa tokko dabalatee namoota shanirraa miidhaan qaqqabuu ibsaniiru.

Balaa ibiddaa mudate kana dhaamsuuf konkolaattonni to’annoo balaa ibiddaa 10, ambulaansii 2 fi hojjettoonni yeroo balaa 80 bobba’uu kaasanii, balicha guutummaatti to’achuuf sa’aatii lama
fudhachuu ibsaniiru.

Naannawaa warshichi itti ijaarame keessaa oomishaaleen zayiitaa boba’uu danda’anii fi zaayita gubataa heddumminaan kuufaman, babal’achuu balaa ibiddichaaf gumaachuu himaniiru.

Warshichi ammas taanaan gama nageenyummaan soda keessatti kan argamuudha jedhameera.

Masfiin Iyyaayyuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.