Fana: At a Speed of Life!

Qunca’uu Garaachaa

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC) – Qunca’uun garaachaa yeroo haguugduun garaachaa sababa adda addaatiin haphatee/luqqa’e kan uumamudha.

Luqqa’uun haguugduu garaachaa kun akka keessi garaachaa asiidii fi keemikaalota biroof salphaan saaxilamu taasisa, kun immoo akka garaachi madaa’u godha.

Wantoota kana fidan keessaa tokko baakteeriyaa garaachaa ‘H.pylori’ jedhamuudha..

Baakteriyaan kun nyaataa fi dhugaatii faalameen nama namatti daddarba.

Mallattoolee Isaa

Dhukkubbii Garaa-Yeroo Baayyee Laphee Jala/Harma Gidduu

Fedhii  Nyaataa hir’isuu

Ol Deebisiisuu-yeroo tokko tokko dhiiga makuu danda’a ykn waan gurraacha akka atala bunaa fakkaatu kan makatu

Garaa Bokoksuu

Garaan Nama Wacuu

Yeroo Nyaatan Dafanii Quufuu

Ulfaatinni Qaama Hir’isuu

Wantoota Dhibee Kanaaf Nama Saaxilan

-Nyaata yeroo yeroon nyaachuu dhabuu

-Wantoota hoo’aa akka shayii fi bunaa baay’isuu

-Alkoolii baay’isanii dhuguu

-Tamboo/sigaaraa aarsuu

-Aarii/dhiphina

– Dhukkuboota garaa tokko tokko

– Yeroo ulfaa

  • Maala Ittisaa

▹Wantoota hoo’aa akka shayii fi bunaa hir’isuu

▹Dhugaatii lallaafaa fi wantoota asiidii of keessaa qaban kan akka loomii fi burtukaanaa baayyinaan fayyadamuu dhiisuu(keessattuu warra mallattoo qabuuf)

▹Alkoolii dhuguu fi tamboo aarsuu dhiisuu

▹Nyaata coomni itti baayyatuu fi mi’eessituuwwaan nyaataa hir’isuu

▹Aarii dhiisuu

▹Si’a tokko baay’isanii nyaachuu irra xixiqqeessanii amma amma nyaachuu

▹Qorichoota dhukkuba kana fidan fudhachuu dhiisuu ykn dursanii ogeessa fayyaa mariisisuu

▹Qulqullina ofii eeggachuu

  • Gosa Nyaataa Sodaa Malee Fayyadamuun Danda’amu

-Damma

– Kuduraa Fi Muduraa

-Bishaan

– Foon Handaaqqoo, Qurxummii,

-Baaqelaa,atara

-Itittuu

– Daabboo Garbuurraa Hojjetame

– Zayita Nuugii

  • Wal’aansa isaa

-Wantoota dhibee kanaaf nama saaxilanii fi namatti kaasan irraa of eeguu

-Qorannoo gochuun yoo baakteriyaan ‘H.pylori’ hin jiru ta’e qoricha asiidii garaa hir’isu fudhachuu

-Yoo ‘H.pyolori’ Jira ta’e qoricha farra baakteriyaa kanaa fi qoricha farra asiidii fudhachuu

-Dhukkubni kun sadarkaa guddaarra yoo gahe wal’aansa baqaqsanii yaaluu  taasiisuu

  • Dhukkubni garaachaa baakteriya H.pylori’n dhufu kaansarii garaachaf nama saaxiluu danda’a
  • Garaachi madaa’e yaala hin argatu taanan dhiiguun hanqina dhiigaa(anemia) fiduu waan danda’uuf yeroon yaalamuun murteessaa ta’uu ogeeyyiin yaala fayyaa ni gorsu.

Maddi:- fuula Waa’ee Fayyaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.